• Tue. Jan 13th, 2026

Pirezidaantiin Siiriyaa marii fi dippilomaasii irratti kutannoo qabaachuu mirkaneessan

Apr 16, 2025

ONM-ABO Ebla 13, 2025 

Pirezidaantiin Siiriyaa Ahmed Al-Sharaa waldhabdee furuu fi tasgabbii naannoo fi addunyaa guddisuuf meeshaalee barbaachisoon marii fi dippilomaasii ta’uu kaasuun, sana irrattis kutannoo cimaa qabaachuu m irra deebi’anii mirkaneessaniiru.

Dubbiin kana kan dubbatan yeroo waltajjii dippilomaasii Antalyaa 4ffaa Jimaata kibba Türkii keessatti eegale irratti hirmaataniidha.

Ibsa Sanbata darbe dhaabbati oduu seeraa Siiriyaa SANA gabaase keessatti, Sharaan hirmaannaan Siiriyaa “waldhabdee furuu fi nagaa fi tasgabbii naannoo keenyaa fi addunyaa guddisuuf mala hunda caalaa bu’a qabeessa ta’uu cimsee ibseera.

Sharaan waltajjiin kun qormaata dhiibbaa naannoo fi addunyaa ilaalchisee hoggantootaa fi qondaaltota idil-addunyaa waliin yaada wal jijjiiruuf “carraa gatii guddaa qabu” jechuun ibsaniiru.

Akkasumas, sarbama Israa’eliin naannoo Siiriyaa itti fufee jiru gidduutti, “barbaachisummaa abbaa biyyummaa fi tokkummaa naannoo Rippabiliika Arabaa Siiriyaa kabajuu” cimsanii dubbataniiru jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading