ONM-ABO Ebla 17, 2025
Aanaa Suudee gandoota akka; Ashmiiraa Wargaanbuullaa, Lashee Darrabbaa fi magaalaa Darrabbaa ganda 01 keessatti Ebla 15, 2025 irraa eegaluun lukkeeleen Bilxiginnaa garaa isaanii guuttachuu qofaaf jiraatan maqaa kaffaltii buusaa gonofaa jedhuun nama tokko irraa dirqamaan qarshii 1,000 guuraa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Gandoota kanneen keessatti ji’a tokko dura maqaama buusaa gonofaa kanaan qarshii 1,160 funaanaa kan turanii fi guutummaa aanichaa keessattis ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen irra deddeebiin hawaasa harka qalleeyyii irratti saamicha daangaa darbe raawwachaa jiraachuu irraan kan ka’e hawaasni dararamaa jiraachuu maddeen eeranii jiru.


