• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baha Harargee Aanaa Baddannootti ergamtoonni Bilxiginnaa barsiisaa tokko irratti hidhaa, saamichaa fi reebicha raawwatan

Apr 17, 2025

ONM-ABO Ebla 17, 2025 

Ergamtoonni Bilxiginnaa guyyaadhaa gara guyyaatti barsiisota dhaloota qaran, siyaasa hordofan tokkollee kan hin qabne maqaa adda addaa itti moggaasuun dhiittaa mirga namoomaa ulfaataa irratti raawwachuu hammeessanii jiru.

Aanaa Baddannootti jaleewwan Bilxiginnaa barsiisaa maqaan isaa Mahaammad Yusuuf jedhamu osoo abbaan isaa gibira humnaan ol itti fe’ame kaffalee jiruu, “abbaan kee gibira hin kaffalle” jechuun Ebla 11, 2025 qabanii hidhuun, achi keessattis dhukkubsannaan akka yaala hin arganne dhorkanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Jalee Bilxiginnaa kan ta’e namni maqaan isaa Abdulhakiim Aammee jedhamu badii tokko malee yakkuun hojii idilee isaa irraa kan ukkaamse irratti dabalee, barsiisaa kana irraa qarshii 1,500 fudhatee kan gadi dhiise ta’uun isaa ibsamee jira.

Barsiisaan kun erga mana hidhaa keessaa ba’ee yaalamee booda himata mana murtii irraa yoo itti fidu, “maaliif waraqaa nutti fidde?” jechuun garmalee waan reebaniif yeroo ammaa kana reebicha irratti raawwate dandamachuu dadhabuun yaalamaa kan jiruu fi du’aa fi jireenya gidduutti kan argamu yoo ta’u, dararaan akka aanichaatti barsiisota irratti raawwatamus haala duraan barameen olitti jabaatee kan jiru ta’uun dabalataan eeramee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading