ONM-ABO Ebla 16, 2025
Baha Harargee aanaa Baddannootti saamichi ulfaataan waraana PP’n uummata irratti raawwachaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka jiraattonni ONM dubbise jedhanitti torban lama dura maqaa Inshuraansii fayyaaf jedhuun saamichaa fi dararaa cimaa uummata irraan gahaa kan turan yoo ta’u, amma immoo maqaa uffata milishaa jedhuun qarshii dhibba shan shan uummata hunda irraa saamaa jiraachuu jiraattonni dabaluun addeessanii jiru.
Kana malees namoonni harka qalleeyyii ta’an kanneen maallaqa gaafatame kana hin qabnee fi kaffaluu hin dandeenye waajjira araddaatti hidhamanii hiraarfamaa kan jiran yoo ta’u, hanga qarshii jedhame kaffaltanitti mana hidhaa irraa hin baatan jechuun guyyuu doorsisnii fi dararaan irratti raawwachaa jiraachuu jiraattonni yaada isaaniitti dabaluun ifoomsaniiru.

