ONM-ABO Ebla 16, 2025
Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Lalisaa Komiis jedhamu irraa gara jabeeyyiin loltoota Bilxiginnaa Eebla 13, 2025 hawaasa mana amantaa deemanii waaqeffannaa irra jiran jumlaan ukkaamsanii hidhaatti darbachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Manneen amantaa akka:
- Waldaa Guutuu Wangeelaa,
- Waldaa Makaana Yesuusii fi
- Bataskaana Ortodoksii
keessaa namoota lakkoofsaan hedduu ta’an badii tokko malee sababa waliin isaa hin beekamneen qabanii gara waajjira poolisii aanichaatti fuudhanii deemuu maddeen itti dabaluun ibsanii jiru.
Jiraattonni kunneen Oromummaa isaaniin alatti badii dalagan kan hin qabne yoo ta’an, aanicha keessatti sababa ergamtoonni Bilxiginnaa haala duraan barameen olitti dhiittaa mirga namoomaa ulfaataa raawwachuu hammeessanii jiraniif akka itti bahanii galan dhabanii rakkataa kan jiran ta’uun baramee jira.
Murni nama nyaataan Bilxiginnaa afaaniin akka waan biyya bulchuutti dubbachaa, kutaalee Oromiyaa cufa keessaa ilmaan Oromoo xiqqaa hanga guddaatti garboomsee afaan qawwee jalatti bulchuuf badii tokko malee jumlaan ukkaamsuun hidhaatti darbachaa jira.


