ONM-ABO Ebla 16, 2025
Aanaa Waamaa Hagaloo ganda Buttujjii Qassoo jedhamu irraa maatii Obbo Surraa Ittaanaa sababa ilmi isaanii Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jiru qofaaf arfaasaa kana irraa eegalee akka inni lafa isaa hin qotanne ugguranii kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Kana malees, aanaadhuma kana ganda Gosanii Giiloo irraa qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Biraanuu Boruu jedhamus bifuma walfakkaatuun lafa isaanii akka hin qotanne kan dhorkaman ta’uun itti dabaluun ibsamee jira.
Ganda Gosanii Baabboo dabalatee gandoota aanichaa hunda keessatti maatiin qabsaa’otaa kanneen miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jiranii fi sabboontota ta’an hundi ooyiruu isaanii qotatanii akka hin jiraanneef jaleewwan sirnichaan dhorkamanii kan jiranii fi yoo lafa isaanii qotanii argaman akka ajjeefaman akeekkachiifamuun eerameera.

