• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Jimmaa Aanaa Geeraatti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota amantaan walitti buusuun hidhaatti darbatan

Apr 17, 2025

ONM-ABO Ebla 16, 2025 

Godina Jimmaa aanaa Geeraatti lukkeeleen Bilxiginnaa mana amantaa Waldaa Humna Waaqayyoo jedhamu keessaa Dilbata darbe Ebla 13, 2025 ganama sa’atii 3:00’tti namoota maqaan isaanii:

  1. Isaayyaas Garbaa, 
  2. Laallee,
  3. Garramuu Magarsaa, 
  4. Kuulanii,
  5. Warqinaa Margaa, 
  6. Dammasoo Magarsaa fi 

kanneen biroo hedduu ta’an badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Sababiin hidhamuu isaaniis, “sagalee ol kaaftanii nu irratti iyyitu” jedhanii meeshaa waraanaan doorsisuun waaqeffannaa addaan kuchisiisanii reebicha hamaa irratti raawwachuun waldicha keessaa ari’uu itti dabaluun ibsaniiru. 

Qaamoleen gocha hawaasa amantaan walitti buusu dalagan hanga gabaasni kun qindaa’etti to’annoo seeraa jala kan hin oolle yoo ta’u, yeroo ammaa kana walitti bu’insa uumameen rakkoo ulfaataan amantoota irratti qaqqabee jiraachuun himamee jira.

Godinichatti gochaa walfakkaataan akkasii irra deddeebiin hawaasa irratti raawwachaa kan turee fi kan jiru yoo ta’u, yeroo dhiyoo kana immoo aanaa Saxxammaa magaalaa Gaattiraatti walitti bu’insi amantaa lukkeelee Bilxiginnaan uumamee jiraachuun baramee jira.

Koloneel Abiy Ahimed waltajjii abbootii amantii waliin bara darbe magaalaa Finfinneetti teessiseen Qindaassee fi Azaaniin sagaleen isaa nama jeequu hin qabu jechuun amantii keessa harka naqatee hojjechuuf karoora akka qabu dubbatee turuun ni yaadatama.

Leave a Reply