• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbee keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa saamuu fi dararuu akkaan cimsanii itti fufan 

Apr 17, 2025

ONM-ABO Ebla 17, 2025 

Aanaa Baakkoo Tibbee gandoota akka: Gobbuu, Dambii Gobbuu, Gooroo fi kanneen biroo hedduu keessatti tiksitoonni bututtuu impaayera Itiyoophiyaa kanneen garaa isaanii qofaaf jiraatan “ijaarsa waajjira gandaaf qorqorroo bituu qabdu” jechuun tokko tokkoon jiraattotaa irraa qarshii 1500 dirqamaan guuraa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, gandoota kanneen keessatti namni tokko waraqaa eenyummeessaa haaromsachuuf kaffaltii seeraa qarshii 200 kan ture wayita ammaa kana Kaabinoonni Bilxiginnaa qarshii 900 fudhachuun haaromsaa kan jiranii fi dabalataan ammoo hawaasni gibira kaffaluuf oggaa deemanis “yeroo dabarsitan” jechuun dachaa sadii kaffalchiisaa kan jiran ta’uun ibsameera.

Dabalataanis, aanichuma magaalaa Baakkoo keessatti ammoo ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen magaalicha keessa deemanii “ati quunnamtii WBO qabda ni shakkamta” jechuun dargaggoota reebuu, hidhuu fi ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisuu itti fufanii kan jiran yoo ta’u, Ebla 12, 2025 galgala toora sa’a  12:30’tti dargaggoota 2 kanneen maqaan isaanii adda hin baane milishoonni sirnichaa badii tokko malee butanii deemuun hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eettis eessa akka buusan kan hin beekamne ta’uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading