• Sat. Jan 10th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbee keessatti waraanni maafiyaan PP hawaasa nagaa dararuu cimsanii itti fufan

Apr 17, 2025

ONM-ABO Ebla 15, 2025 

Aanaa Baakkoo Tibbee ganda Amartii Gibee keessaa Ebla 13, 2025 ergamtoonni sirnichaa jiraattota gandichaa mana gurgurtaa dhugaatii banachuun hojii dhuunfaa isaanii hojjetanii ofii fi maatii isaanii jiraachisan lama maqaa “Waraana Bilisummaa Oromootti gurgurtan” jedhuun reebicha hamaa erga irraan ga’aniin booda meeshaalee mana keessaa hanga finjaala bunaatti jalaa caccabsanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namootni qabeenyaan isaanii lukkeelee PP kanaan jalaa manca’ee fi reebichi irratti raawwate kunneen;

  1. Obbo Giddumaa Tashoomaa fi
  2. Aadde Abarruu Caandoo 

kanneen jedhaman yoo ta’u, reebicha humnaa olii irratti geggeeffame kanaanis miidhaa qaamaa ulfaataaf saaxilamuun yeroo ammaa kana mana yaalaa keessatti haalli fayyummaa isaanii sadarkaa yaddeessaa irra kan jiru ta’uun barameera. 

Namoonni kunneen siyaasa tokkollee kan hin hordofnee fi hojii dhuunfaa isaanii qofa irratti bobba’uun kan jiraatan ta’uun dabalataan ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading