• Tue. Jan 13th, 2026

Libaanos haleellaa Israa’el Kibba Libaanos irratti raawwatteen nama tokko ajjeese 

Apr 17, 2025

ONM-ABO Ebla 16, 2025 

Ministeerri Fayyaa Libaanos akka jedhetti, haleellaan Israa’el Kibxata kaleessaa raawwatte nama tokko kan ajjeese yoo ta’u, kunis Israa’elii fi Hizboollaa gidduutti dhukaasa dhaabuun erga geggeeffamee haleellaan akkasii yeroo dhiyootti kan raawwatameedha.

“Haleellaa Israa’el magaalaa Ayitaruun keessatti raawwatteen nama tokko ajjeesee daa’ima dabalatee namoota sadii madeesse,” jechuun ibsa ministeerri fayyaa kun addeesseera.

Israa’el erga Sadaasa 27 dhukaasa dhaabe irraa eegalee Libaanos itti fuftee jirti. Kunis garee Hizboollaa Iraaniin deggaramte waliin waggaa tokkoo ol diinummaan geggeeffamaa ture kan dhaabbate yoo ta’u, ji’oota lamaaf waraana hunda galeessa dabalateeti.

Waajjirri Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Kibxata akka jedhetti “erga dhukaasni dhaabuu kun hojiirra ooleen booda yoo xiqqaate namootni nagaan 72 Israa’eliin Libaanos keessatti ajjeefamaniiru.”

Dubbi himaan waajjira kanaa Tameen al-Keetaan, “Miidhamtoota keessaa dubartoota 14 fi daa’imman 9 ta’u,” jechuun Jeneevaa keessatti ibsa kennaniin, “jequmsi kun hatattamaan dhaabbachuu qaba” jechuun gaafachuu isaanii AFPtti gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading