• Fri. Mar 13th, 2026

Murni Bilxiginnaa Godina Baalee Aanaa Harannaa Bulluq keessatti saamicha uummata irratti jabeessan

Apr 17, 2025

ONM-ABO Ebla 17, 2025 

Saamuu, ajjeesuu, hidhuu fi dararuu malee uummata kabajuu fi mirga isaa eeguu kan hin beekne bulchiinsi kaayyoo ekeraa milinikiin qabatee uummata Oromoo fixaa jiru murni PP aanaa Harannaa Bulluq ganda Soodduu Welmalii keessatti qabeenyaa uummataa irratti saamicha jabeessuun, hoolota, re’ootaa fi loowwan akkasumas nama tokko irraa qarshii 3000-10,000’tti maqaa waajjira gandaa ijaarra jedhuun hawaasa irraa guuraa jiraachuu jiraattonni ONM’f eeran.

Murni cunqursaa uummataaf aangoo impaayerattii maqaa Oromootiin qabatee duguuggaa ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffatee jiru PP’n guutuu Oromiyaa keessatti maqaa gandoota ijaaruu jedhu kana dawoo godhachuun saamicha hammeessaa kan jiruu fi  maqaa garaa garaa uummanni irraa walaba ta’e itti maxxansuun hidhuu, saamuu fi ajjeesuu dabalatee manaaf qabeenya jalaa gubanii barbadeessuun jiruu godaansaaf saba saaxilaa jiraachuun kan beekamuudha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading