• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Toleetti waraanni maaafiyaan PP saamichaa fi gubaatii manneenii hammeessuun ifoome

Apr 23, 2025

ONM-ABO Ebla 23, 2025 

Waraanni murna Bilxiginnaa godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee ganda Gololee fi Tamsaa jedhamu keessatti manneen jiraattotaa ibiddaan gubanii barbadeessuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoota manneen isaanii jalaa gubate keessaa muraasni maqaan nu ga’e:

  1. Obbo Jabbaar Alii qorqorroo baallee 65
  2. Obbo Jalduu Booressaa qorqorroo baallee 150 jalaa gubuun qamadii kuntaala 5 jalaa saaman
  3. Alii Jifaar nama lubbuun hin jirre, mana maatiin isaa keessa jiraatan qorqorroo baallee 70 jalaa gubuun, qamadii kuntaala 10 jalaa saaman,
  4. Obbo Laaqoo Xibabuu jalaa mana citaa 1 gubuun midhaan konkolaataa Isuzu 1 guutuu jalaa fudhachuun qotiyyoo 2 jalaa qalatanii nyaachuu jiraattonni ONM’f eeraniiru.

Gandichatti milishoonni adda durummaan qabeenya hawaasaa irratti saamicha daangaa hin qabne raawwachaa jiran maqaan isaanii:

  1. Darroo Yaa’ii
  2. Gugsaa fi
  3. Kabbuu kanneen jedhaman 

yemmuu ta’an, akkuma aanichaatti saamicha qabeenyaa irra darbee dararaan hanga ajjeechaa lubbuutti hawaasa naannichaa irratti murna Bilxiginnaan taasifamu daran hammaachuu irraan kan ka’e uummatni gandichaa karaa ittiin gabaa naannoo isaaniitti argamu magaalaa Adaadii dhaqatullee dhabee bobbaa fi gala dhorkamuun rakkoo haalaan yaaddessaa keessa jiraachuus itti dabaluun ONM’f ifoomsanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading