• Sun. Mar 15th, 2026

Miseensi loltuu murna Bilxiginnaa kan maqaa farra riphee lolaan waamamu tokko Godina Lixa Shaggar mooraa waraana PP Aanaa Jalduu keessaa bahuun WBO naannicha keessa socho’utti harka kennate

Apr 23, 2025

ONM-ABO Ebla 23, 2025 

Godina Lixa Shaggar aanaa Jalduutti miseensi loltuu murna Bilxiginnaa maqaa farra riphee lolaan waamamu tokko mooraa waraanaa magaalaa Boonii jedhamu irraa bahuun meeshaa fi hidhannoo guutuun WBO zoonii Giddu Galaatti harka kennachuu ajajaan WBO zoonichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Miseensi farra riphee lolaa duraanii kun simannaa Waraanni Bilisummaa Oromoo taasisaniifitti hedduu gammaduun kabajaa fi jaalalaa WBO’n namaaf qabu guddaa ta’uu hubadheera jechuun dubbateera.

Gama meeshaatiin qawwee AKM 1, rasaasaa fi boombii harkaa qabaatee kan dhufe yoo ta’u, hidhattoota sirnichaa mooraa diinaatti hafuun diinaaf meeshaa ta’anii saba isaanii ajjeesaa oolaniifis waamicha Oromummaa qabuuf kottaa qabsoo bilisummaa Oromootti makamaa jechuun dhaameefii jira.

Mooraan sirna gita bittaa abbaa irreen hundaa’ee humnaa fi afaan qawweetti dhimma bahuun cunqursaa lammiilee irratti taasisuun of utubuuf ifaaju Bilxiginnaan, yeroo adda addaatti ilmaan Oromoo bakkeewwan hojii isaanii gara garaa irraa aangoo isaatiin ukkaamsuun gara leenjii loltummaatti kan guuru yommuu ta’u, kanneen fedhaa fi kaka’umsa isaanii ala butamuun hidhachiifamanii fi sabboonummaa haqaa of keessaa qaban kunneen Impaayera dhiiga uummata keenyaa mancaasee nutis akka dhangalaasnuuf carraaqu hin tumsinu jechuun keessaa miliqanii gara qabsoo uummata isaaniitti deebi’aa jiraachuun hubatameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading