• Fri. Mar 13th, 2026

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Sagantaan nyaata Addunyaa WFP’n Itiyoophiyaa keessatti ji’a dhufu irraa eegalee dubartootaa fi daa’imman hanqina nyaataa qaban walakkaa miliyoonaa ol deggaruu dhaabuuf akka jiru beeksise

Apr 24, 2025

ONM-ABO Ebla 24, 2025 

Akka gabaasa isaatti, namoonni kunneen yoo gargaarsi maallaqaa hin argamne kanneen miliyoona 3.6 ta’an torban muraasa dhufan keessatti deggarsa nyaataa dhabuuf jiran keessatti akka dabalaman hima. Impaayirattiin  wal-waraansa Tigraay keessatti waggoota lamaaf gagggeeffame irraa guutummaatti akka hin bayyannanne eerera.

Ittuma fufuun naannolee gurguddoo jedhaman Oromiyaa fi Amaaraa keesssatti lolli hamaan geggeefamaa akka jiru fi namoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman sababa lola kanaan qe’eef qabeenyaa isaanii irraa buqqa’aniiru.

Jaarmiyaan kun gabaasa isaa keessatti akka jedhetti Itiyoophiyaa keessatti namoonni miliyoona 10 ol rakkoo beelaa hamaa akkasumas nageenyaa fi sarbama mirgaa ulfaataaf saaxilamuu ibseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading