ONM-ABO Ebla 24, 2025
Aanaa Daarimuu magaalaa Odaa jedhamtu keessatti wayita ammaa manneen jireenyaa ijaaramanii namni keessa hin jirree fi lafa jiraattonni bitatanii mana irratti hin ijaarin jiran, ergamtoonni Bilxiginnaa “qabeenyi kun ammaan booda kan keessan miti” jedhanii mallattoo irra ka’anii ugguruun seeraan ala nama tokko irraa qarshii 10,000-2,0000’tti saamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, lukkeeleen sirnichaa garaa isaanii qofaaf jiraatan kunneen oggaa sababa ittiin hawaasa saaman dhaban, “mana kana akka diinni dawoo godhatee nu rukutuuf ijaartan” jechuun abbaa qabeenyummaa isaanii irraa mulqanii saamicha ulfaataan dararaa jiraachuu dubbatu.
Kana malees, namoota lafa bitanii mana irratti hin ijaarin jiraniin ammoo “maaliif osoo hin ijaarin yoona geessan?” jechuun sababuma wal fakkaatuun maallaqa kaffalchiisaa kan jiran ta’uun barameera.
Haaluma kanaanis, namoota saamichi kun irratti raawwate keessaa kan maqaan nu ga’e; Sheek Habiib Dabalaa kan jedhamu yoo ta’u, innis jiraataama aanaa Daarimuu ganda Eeffarsii kan ta’ee fi armaan dura magaalicha keessatti mana jireenyaa ijaarrachuuf lafa bitee ture irratti sababa hin ijaarin hafeef jecha kaabinoonni gandichaa qarshii 10,000 adabanii jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

