• Sat. Apr 4th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qilxuu Kaarraatti milishaan Bilxiginnaa tokko Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennate

Apr 24, 2025

ONM-ABO Ebla 24, 2025 

Loltoonni Bilxiginnaa fedhaanis ta’e fedhii malee dirqamanii barcuma aangoo siyaasaa koloneel Abiy Ahimed tiksuuf kan ifaajan, mooraan impaayerichaa dhiibbaa loltoota isaa irratti geessisaa jiruu fi hiraarsaa ilmaan Oromoo irratti raawwatamu ijaan ilaaluu dadhabuun Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennataa jiru. 

Aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Guyyoo Daallee jedhamu irraa Ebla 20, 2025 miseensi milishaa Bilxiginnaa tokko mooraa Bilxiginnaa ganuun Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatee jiraachuu hooggansi WBO bakkichaa beeksise.

Akka miseensi milishaa impaayerattii kun jedhutti, Bilxiginnaan mooraa isaa keessatti yeroo adda addaatti loltoota isaa ija shakkiin ilaaluun hidhuu, reebuu, ajjeesuu fi achi buutee dhabamsiisuu itti fufee dararaa hamaa irraan gahaa jiraachuu fi dararaa ilmaan Oromoo irratti raawwatamu mufatee kan harka kennate ta’uu fi murni garboomfataan Bilxiginnaa loltoota isaa nyaachisuu dadhabuun qonnaan bulaa fi daldalaa saamuu itti fufee jiraachuu dubbata. 

Milishaan kunis, qawwee AKM tokko qabachuun Waraana Bilisummaa Oromoo bakkicha keessa socho’u bira qaqqabuu isaa gabaasni Arraata Biyyoolessa Oromiyaa dhaqqabe ni ifoomsa. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading