ONM-ABO Ebla 24, 2025
Haleellaa misaa’elaa Kamisa ganama Keev keessatti Raashiyaan raawwatameen yoo xiqqaate namoonni 9 du’anii 60 ol madaa’uu Tajaajilli Balaa Tasaa Kutaa Yukireen ibseera.
“Raashiyaan Kiiv irratti haleellaa qindaa’aa guddaa ta’ee jalqabdee jirti. Akka ragaa jalqabaa agarsiiautti, daa’imman hospitaala galan keessaa 6 dabalatee namoonni 9 ajjeefamuun 63 ammoo madaa’aniiru,” jechuun tajaajilli kun poostii Telegram rratti ibseera.
Gamoon mana jireenyaa haleellaa kanaan miidhameera, “barbaachi namoota caccabaa gamoowwanii jala jirus itti fufee jiraachuu,” AFP’n gabaaseera.

