ONM-ABO Ebla 24, 2025
Waraanni maafiyaan PP uummata Oromoo qe’ee isaa keessatti ajjeesuu, saamuu fi hidhuu hojii idilee godhate godina Lixa Wallaggaa aanoota hedduu keessatti bifa addaan itti fufee jiraachuun beekameera.
Aanaa Baabboo Gambeel ganda Daamota Mana Jaartee keessatti Ebla 21, 2025 halkan keessaa toora sa’atii 6:00’tti waraanni faashistiin PP mana jireenyaa Obbo Malkaamuu Abdiisaatti cabsanii seenuun maallaqa kuma shantama jala saamuun barameera.
Itti dabaluun halkanuma sana Obbo Malkaamuu Abdiisaa jalaa erga mallaqa saamanii booda nutti iyyitee jeequmsa uumte jedhanii reebuun miidhaa qaamaa fi qalbii irratti raawwatanii qabanii konkolaataa 3F irratti fe’anii gara mooraa waraanaa PP’tti geessuu maddeen ONM’tti himan.

