ONM-ABO Ebla 26, 2025
Baha Harargee aanaa Dadar araddaa Lameen Wal-Tahaa jedhamu keessatti waraanni Bilxiginnaa dirqamaan ijoollee uummataa kanneen umuriin isaanii leenjii loltummaa fudhachuuf hin geenye ukkaamsuun mana hidhaatti walitti qabaa akka jiran maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru
Ol-adeemtota ilmaan Oromoo walitti guuree teessuma aangoo isaa ittiin tikfachuuf kan ifaaju murni Bilxiginnaa, yeroo adda addaatti iijoollee Oromoo fedhii fi kaka’umsa isaanii malee haadhaa fi abbaa biraa qabuun maatii fi ilmaan walitti mankaraarsuun gara mooraa leenjiitti fe’achaa jiraachuu itti dabaluun ifoomsanii jiru.
Looreetii nagaa fi badhaafamaa Noobeelii nagaa jechuun kan of waamsisu Abiy Ahimed erga bu’aa warraaqsa Oromoo butee aangootti dhufee kaasee aangoo sana tikfachuuf lola lammiilee irratti banuu fi ilmaan uummatichaa lolatti bobbaasuun ficcisiisuu hojii idilee taasifachuun hojjechaa jira.

