• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Kiiramuutti hawaasni Oromoo lukkeelee Bilxiginnaa fi finxaaleeyyii Amaaraa gidduutti miidhamaa jiraachuun himame

Apr 26, 2025

ONM-ABO Ebla 26, 2025 

Hidhattoonni Amaaraa torban darbe irraa eegaluun hanga gabaasni kun qindaa’etti “aanaa Kiiramuu cabsinee saamna” jechuun dhaadachaa jiraachuu fi kaabinoonni aanaa Kiiramuu finxaaleeyyii Amaaraa irraa qarshii guddaa nyaatanii hawaasa nagaa dararaa jiraachuun baramee jira.

Hidhattoonni Amaaraa laga gamaa daangaa qaxxaamuranii dhufan dachee miidhagduu Oromiyaa irraa galuu kakachuun murna Bilxiginnaa waliin hariiroo cimaa uummatanii aanaa Kiiramuu gandoota hedduu keessa mandheeffachuun hawaasa Oromoo ba’aa fi gala dhorkaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Kana malees, loltoonni Bilxiginnaa hiddi isaanii Amaara ta’e mooraa Bilxiginnaa ganuun yommuu Faannootti badan akkuma argan gara jabinaan hawaasa Oromoo xiqqaa fi guddaa osoo hin jenne saamuu, ajjeesuu fi achi buutee dhabamsiisuun dararaa hamaa raawwachaa jiraachuun dabalataan ifoomeera. 

Leave a Reply