• Tue. Nov 24th, 2026

Kaaba Oromiyaa Godina Walloo Aanaa Baatee keessatti jaleewwan murna PP hidhaa fi dararaa addaa addaan uummata gidirsaa jiraachuun dhaga’ame

Apr 27, 2025

ONM-ABO Ebla 26, 2025 

Ergamtoonni murna Bilxiginnaa impaayera Itiyoophiyaa tiksuuf dhama’an aanaa Baatee ganda Gaaroo keessatti uummata nagaan hariiroo WBO qabdu ittiin jechuun reebicha erga irratti raawwattaniin booda hidhaatti guuraa jiraachuu fi namoota meeshaa dhuunfaa manaa qabaniin ammoo nu waliin WBO’tti duuluu qabdu ittiin jechuun hiraarsaa jiraachuu maddeen ONM’f eeranii jiru.

Kana malees jaleewwan PP kunneen buufata fayyaa hawaasni itti tajaajilamu keessa qubachuun akka uummanni deemee hin yaalamneef dhorkaa kan jiranii fi sababa kanaan haawwanii fi daa’imman wal’aansa yaalaa barbaadan bakka itti yaalaman dhabuun yeroo ammaa kana rakkina guddaa keessa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akkasumas milishoonni sirnichaa uummata ganda sanaan wayita qaala’iinsi jireenyaa hawaasatti cimee jiru kanatti nyaataa fi dhugaatii waraana keenya danda’uu qabdu ittiin jechuun gidiraa hamtuu agarsiisaa kan jiranii fi akka godinichaatti uummanni Oromoo faashistoota sirnichaan rakkinoota hedduuf saaxilamaa jiraachuu itti dabaluun ifoomsanii jiru.

Leave a Reply