ONM-ABO Ebla 26, 2025
Baha Wallaggaa aanaa Diggaa gandoota hedduu keessatti kaabinee fi kaadireen Bilxiginnaa maqaa kaffaltii adda addaa dawoo godhachuun saamichaa fi dhiittaa mirga namoomaa jiraattota irratti hammeessaa kan jiran yoo ta’u, gandoota akka:
- Ganda Addunyaa,
- Ganda Furdisaa,
- Ganda Burqaa Guddinaa,
- Ganda Qarsaa fi
- Ganda Biqilaa
jedhaman keessatti uummanni martinuu kaffaltii qabeenyaa isaatiin olii gaafatamuun rakkoo hamtuuf saaxilamee jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kanaan duras yeroo adda addaatti maqaa kaffaltii gibiraa, inshuraansii fayyaa, buusaa gonofaa fi kanneen biroo da’eeffachuun saamamaa turre jechuun kan dubbatan jiraattonni, erga ji’oota sadan darbe irraa eegallee hanga yoonaattis osoo addaan hin citin kaffaltii naga’ee hin qabne gaafatamuu irra darbee kanneen kaffaluu dadhaban irratti dararaan reebichaa hanga hidhaatti nu irratti geggeeffamaa jiru haalaan yaaddessaadha jechuun jiraattonni yaada isaaniitti dabalanii ONM’f ifoomsanii jiru.
Murni sirna dhab-leessi dafqa haadha hiyyeessaa saamee of ijaaruun umurii aangoo isaatii dheereffachuuf carraaqu Bilxiginnaan, kutaalee Oromiyaa mara keessatti saba Oromoo irratti hiraarsaa jabeessuun ergamtoota isaa itti bobbaasee gochoota farra namoomaa raawwachaa jira.

