• Wed. Nov 25th, 2026

Kaaba Shaggar Aanaa Sulultaa irraa miseensi waraana Bilxiginnaa tokko hidhannoo guutuudhaan WBO’tti harka kennate

Apr 27, 2025

ONM-ABO Ebla 26, 2025 

Tiksitoonni bututtuu impaayera Itiyoophiyaa kanneen fedhii isaanii malee humnaan qabamanii yeroo gabaabduu qofa leenji’uun qawwee hidhachiifamanii bobbaafaman, goleewwan Oromiyaa cufa keessaa guyyaa guyyaan haala isaaniif mijateen meeshaa isaanii qabachuun gooticha abdii sabaa Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan, Kaaba Shaggar aanaa Sulultaa mooraa waraana PP magaalaa Kaanteerii keessatti argamu irraa Ebla 23, 2025 miseensi loltuu humna addaa Oromiyaa tokko, qawwee AKM 2 hidhannoo guutuu waliin mooraa Bilxiginnaa keessaa fudhatee miliquun galii moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof taasisee jiraachuu maddeen WBO gamasii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Loltuun Bilxiginnaa duranii kun mooraa Bilxiginnaa keessatti dararaa ulfaataa isa irra gahaa ture balfee gara WBO deemuuf murteeffatee oggaa mooricha keessaa ba’us, ergamtoota sirnichaa achi keessatti hafan irratti dhukaasa banuun harkaa miliqee jiraachuu itti dabaluun himeera.

Leave a Reply