• Sun. Mar 15th, 2026

Zelenskiin Vaatikaatti Pirezidaantii US Ameerikaa Tiraamp waliin wal arguun marii bu’a qabeessa geggeessuu ibse

Apr 28, 2025

ONM-ABO Ebla 27, 2025 

Prezidaantiin Yukireen Voldaameer Zelenskiin Sanbata kaleessaa walgahii Vaatikaan keessatti pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp waliin kan taasisan yoo ta’u, waraanni Yukireenii fi Raashiyaa waliin geggeessaa jiran mariii nagaa ta’een yoo golabame seena qabeessa ta’uu danda’a jedhan.

“Walgahii gaariidha. Waliin taanee waan baay’ee irratti mari’achuu dandeenye. Wantoota dubbataman hunda irraa bu’aa arganna,” jechuun Zelenskiin barreeffama waltajjii miidiyaa hawaasaa Telegram irratti barreesseera.

Mata dureewwan marii kun  “eegumsa jireenya ummata keenyaa dabalata. Dhukaasa dhaabuu guutuu fi haalduree hin qabne geggeessuu raawwachuudha. Nagaa amanamaa fi waaraa kan waraanni akka hin deebine dhorku” akka ta’e ibse.

Zelenskiin itti dabaluudhaan, “Walgahii baay’ee fakkeenya ta’ee fi bu’aa waloo yoo arganne seena qabeessa ta’uuf dandeettii qabu ture jechuun Pireezidaant Doonaald Tiraampiinis galatoomaa!” jechuun AFPn gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading