ONM-ABO Ebla 28, 2025
Ergamtoonni murna PP ilmaan Oromoo hacuucuu fi gidirsuu bartee taasifatan tibbana immoo haala duraan barameen olitti uummata nagaatti roorrisuu hammeessuun Ebla 23, 2025 godina Baalee Lixaa aanaa Sinaanaa ganda Iluu Keerishaa jedhamu keessatti qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Maammadsaanii Haajii jedhamu reebicha ulfaataa erga irratti raawwataniin booda yeroo ammaa immoo waajjira poolisii aanaa Sinaanaatti hidhanii dararaa irraan gahaa jiraachuu maddeen ONM’f addeessanii jiru.
Akka maddeen naannichaa ONM’f eeranitti Obbo Maammadsaaniin nama hojii dhuunfaa isaanii irratti bobba’uun maatii isaanii jiraachifachuu malee hariiroo qaama siyaasaa kamiillee hin qabne yommuu ta’an, erbe-raastonni sirnichaa dantaa garaa isaanii qofaaf hawaasa Oromoo mankaraarsaa oolan immoo, hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jechuun gara siyaasaatti harkisanii hiraarsaa jiraachuu itti dabaluun addeessaniiru.
Murni Bilxiginnaa yeroo adda addaatti maqaa fi sababoota hin barbaachifne hawaasa nagaatti maxxansuun saamuu fi ajjeesuun cinatti qonnaan bultoota siyaasa kam irraayyuu bilisa ta’an jumlaan qabee hidhaatti guuruun maatii isaanii beelaa fi rakkinaaf saaxilaa jiraachuun ni beekama.


