• Tue. Oct 20th, 2026

Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horrootti maqaa Waraana Bilisummaa Oromootiin shiftoonni koloneel Abiy Ahimed bobbaase namoota ukkaamsuun maallaqa gurguddaa gaafachaa jiraachuun beekame 

Apr 29, 2025

ONM-ABO Ebla 28, 2025 

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo ganda Guutoo Sirbaa jedhamu keessatti Ebla 26, 2025 murni sirna dhab-leessi aangoo isaatti fayyadamuun uummata meesha-maleeyyii cunqursuun beekamu lola waggoottan ja’an darban kutaalee Oromiyaa mara keessatti adeemsifamaa jiruun WBO injifachuu dadhabnaan  waraana bilisummaa Oromoo fi uummata Oromoo shiraa fi hololaan wal jibbisiisuuf jecha shiftoota maqaa waraana Bilisummaa Oromoo da’eeffachuun ergama diinummaa isaa irraa fudhatan hawaasichatti bobbaasuun ukkaamsee saamsisaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoonni shiftoota kanneeniin ukkaamfamanii maallaqa guddaa gaafatamaa jiran kunneen maqaan isaanii:

  1. Fiqaaduu Baay’ataa,
  2. Hacaaluu Kabbadaa,
  3. Tolaa Duucaa fi
  4. Faantaa   

kanneen jedhaman yommuu ta’an, namoonni kunneen galgala kan qabaman ta’uu maddeen ONM’f addeessanii jiru.

Tokkoon tokkoon namoota qabanii kanas qarshii kuma dhibba lama akka kaffalaniif maatii gaafachaa akka jiranis ifoomeera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading