• Tue. Jan 13th, 2026

Humnoonni finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon murna PP’n ijaaraman Horroo Guduruu Wallaggaa fi Kaaba Shaggar keessatti dhiibbaa ilmaan Oromoo irratti geggeessuuf sochii irra jiraachuun dhaga’ame

Apr 29, 2025

ONM-ABO Ebla 28, 2025 

Murni Bilxiginnaa diinummaan isaa daangaa darbe harka lafa jalaan humnoota finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo jedhaman qindeessuun uummata Oromoo irratti lola duguuggaa sanyii banee jiraachuun kan beekamu oggaa ta’u, ammas humnoonni shororkeessaan kun godinoota Kaaba Shaggarii fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti duula saamichaa fi ajjeechaa banuuf qophii ta’uun ibsamee jira.

Keessattuu Kaaba Shaggar aanaa Dharraa kallatti 3’n seenanii uummata fixuuf kan karoorfatan oggaa ta’u, addatti ammoo karaa Saralkullaan sochii jabaa taasisaa akka jiran kan himamu yoo ta’u, uummanni Oromoo kallattii sanaan jiran yaaddoo guddaa keessa jiraachuus dubbatu.

Labsii duguuggaa sanyii murni PP fi Faannoon uummata irratti bananii jiraniin mancaatii lubbuu fi qabeenyaa ilmaan Oromoo irratti geggeessuun uummata nagaa qe’ee isaa keessatti itti dhaquun saamuu, hidhuu, ajjeesuu fi qe’ee irraa buqqisuu jabeessanii jiraachuun kan beekamuudha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading