ONM-ABO Ebla 28, 2025
Yoo xiqqaate lammiileen Falasxiin 30 kan du’an yoo ta’u, namoonni hedduun Dilbata kaleessaa haleellaa haaraa Israa’el naannoolee hedduu Gaazaa irratti xiyyeeffattee raawwatteen madaa’aniiru jedhan ogeeyyiin fayyaa.
Maddi yaalaa tokko akka jedhetti, magaalaa Gaazaatti naannoo Shujayiyaa keessatti haleellaa Israa’el bakka Wadi al-Arayis irratti raawwatteen dubartoonni lama ajjeefamaniiru.
Namoonni sadii dabalataan lubbuu isaanii dhabaniiru, namoonni hedduun ammoo magaalaa naannoo Zeyituun keessatti dhukaasa Israa’eliin miidhamaniiru.
Weerara Israa’el Onkoloolessa bara 2023 irraa eegalee Gaazaa keessatti raawwattee Falasxiinotni 52,200 ol kan ajjeefaman yoo ta’u, irra caalaan isaanii dubartootaa fi daa’imman.
Manni murtii yakkaa idil-addunyaa Sadaasa darbe muummicha ministeera Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu fi Ministirri Ittisaa isaanii duraanii Yohaav Gaalaant yakka waraanaa fi yakka dhala namaa Gaazaa keessatti raawwatameef murtii hidhaa irratti dabarsuun ni yaadatama.


