• Fri. Mar 13th, 2026

Lixa Wallaggaa Aanaa Mana Sibuutti loltoonni murna Bilxiginnaa namoota nagaa 3 ajjeesanii bakkeetti gatuun dhaga’ame

Apr 29, 2025

ONM-ABO Ebla 27, 2025 

Ergamtootni murna Bilxiginnaa Ebla 26, 2025 aanaa Mana Sibuu ganda Meexxii Alaalaa Fardaa keessatti balleessaa tokko malee jibbiinsa Oromummaaf qaban qofaan namoota nagaa sadii gara laafina tokko malee kan ajjeesan oggaa ta’u, maqaan namoota kanaas: 

  1. Jamaal Amad, 
  2. Raashiid Alamuu fi 
  3. Daamaraa Baacaa kanneen jedhaman ta’uu maddeen ONM’f eeranii jiru.

Namoonni kunneen dafqaan bultoota yommuu ta’an, aanaa Qondaalaa Magaalaa Ashunfaa iddoo jedhamtu keessatti jireenya isaanii geggeeffachuuf hojii humnaa osoo hojjetaa jiranii waraanni murna Bilxiginnaa kunneen badii tokko malee hojii isaanii irraa qabuun daangaa aanaa Mana Sibuu fi aanaa Qondaalaa kan ta’e bakka addaa Daabbus jedhamutti geessuun rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Ergamaa badiisaa fi baattoo kaayyoo ekeraa Milinikiin kan ta’e koloneel Abiy Ahimed jibba uummata Oromoof qabu daran jabeessuun loltoota isaa qe’ee Oromootti bobbaasuun kan yeroo kamiin olitti hidhaa, saamichaa fi ajjeechaa suukkaneessaa hawaasa irratti raawwachiisuun reeffa ilmaan Oromoo soora bineensaa gochaa jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading