• Tue. Nov 24th, 2026

Murni Bilxiginnaa WBO maqaa balleessuuf Godina Arsii Bahaatti gochoota ciiggaassisoo hojjechaa jiraachuun dhaga’ame 

Apr 29, 2025

ONM-ABO Ebla 28, 2025 

Godina Arsii Bahaa aanaalee garaa garaatti waraanni maafiyaan PP maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo xureessuuf gochoota safuu hawaasaa cabsu rifeensa nam-tolcheen faayamuun daba taasisaa jiraachuu jiraattonni ONM’f eeraniiru.

Akkuma kanaan Ebla 26,2025 murni diraamaa sobaa yeroo adda addaatti fakkeessaa as ga’e, yeroo kana immoo aanaalee kanneen  akka:

  1. Ammeenyaa ganda Malaaxoo  bakka addaa Miilla Sadii,
  2. Aanaa Suudee ganda Akkiyyaa  iddoo addaa  bosona Mulooxaa Mul’atee,
  3. Aanaa Gololchaa ganda Jeedaa Caamaa iddoo addaa Warguu fi Dhiibuu 

jedhaman keessatti waraanni faashistii PP hawaasa irratti miidhaa adda addaa geggeessaa jiraachuun ibsameera.

Yakkoota raawwatamaa jiru keessaa muraasni:

  • dubartoota gudeeduu, 
  • humnaan qabeenya qotee bultootaa saamuu, 
  • karaarra dhaabbatanii giiphii keessaa maallaqa saamuu, 
  • abbootii qabeenyaa ukkaamsuu,
  • ijoollee xixiqqoo iddoo isaan loon eeganitti albeen doorsisuu  fi 
  • halkan halkan mana hawaasichaa irra imaluun abbaa manaa manaa gadi baasuun dubartoota nyaata qopheessisifachuu fi kanneen kana fakkaatan hedduu uummata irratti raawwachaa jiraachuu jiraattonni eeranii jiru. 

Leave a Reply