ONM-ABO Ebla 28, 2025
Impaayera Itiyoophiyaa sirna dhablummaan dagaage keessatti yakkoonni daangaa darbe raawwachuun cimee itti fufuun waraanni akka feeteen saamichaa fi hiraarsuuf ijaaraman godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimmaatti manneen maatii qabsaa’otaa gubuun jabaatee itti fufeera.
Ebla 23, 2025 waraanni bulchiinsa magaalaa aanaa Qarsaa Maallimmaa irraa gara ganda Gooroo Gabreelii bakka addaa Garee Eekkaatti bobbaafaman mana jireenyaa Aadde Yashii Naggasaa qabeenya guutuu waliin ibidda itti shidanii gubuun maatii kana irratti ajjeechaa raawwachuuf adamsaa turuun barameera.
Gubaatii manaan cinatti maatiin kunneen daa’imman ganna 12 gadii dabalatee bakka arganitti akka ajjeesaniif murtii du’aa itti muranii kan jiran oggaa ta’u, abbaa ilmanii kan ta’e:
- Obbo Kafanii Naggasaa, ijoollee isaa;
- Bayyanaa Kafanii,
- Tsigee Kafanii,
- Dabalaa Kafanii fi
- Taaddaaluu Kafanii bakka argamanitti tarkaanfiin irratti akka fudhatamuuf murteen darbee jiraachuun dhaga’ameera.




