ONM-ABO Ebla 28, 2025
Shiftoonni koloneel Abiy Ahimed kanneen jiraachuun uummataa mataa dhukkubbii isaanitti ta’e miidhaalee qorqalbii sabaa cabsu raawwachuu cimsanii itti fufuun godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee ganda Seertuumitti bobbaafamuun saamicha, gubaatii manneenii fi hidhaa bifa haaraan geggeessaa jiru.
Bifuma kanaan Kamisa darbe Ebla 23, 2025 waraanni maafiyaan PP maqaa sakattaa WBO’n bobbaafamuun jiraattota hiraarsaa kan turan oggaa ta’u, keessattuu maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromoo kanneen quuqama sabaa qaban irratti hidhaa jumlaa raawwachuun bulchiinsa aanaatti geessanii hidhanii hiraarsaa akka jiran ONM odeeffateera.
Hidhaan akka onichaatti daran jabaachuun hidhamtoonni siyaasaa baatiilee shanii hanga waggaaf baatii shanitti gaaffii seeraa tokko malee gidirfamaa akka jiranis addeeffameera.
Kana malees kaadiroonni sirnichaa kanneen miidhamuun saba Oromoo itti hin dhagaa’amne mana hidhaa irraa isin hiikna jechuun dargaggoota hedduu irraa maallaqa fudhatanii osoo hin hiikin yeroo dheeraaf hidhanii akka jiranis ibsameera.





