ONM-ABO Ebla 29, 2025
Waraanni garboomfataan PP aanaa Booraa Galma Waaqeffannaa keessaa baatii 1 dura dargaggoota baay’inaan saddet ta’an ukkaamsanii turuu jiraattonni ONM’f himan.
Dargaggoonni kunneen loltoota sirnichaan ukkaamfamanii dirqamaan leenjii milishummaa akka fudhataniif dirqisiifamanii leenjifamaa turuus itti dabaluun kan himan oggaa ta’u, jalqaba irraa kaasanis fedhii milishummaaf akka hin qabne itti himaa turuun akkuma leenjii xumuraniinis mooraa sirnichaa keessa baduun gara jireenya dhuunfaa isaaniitti deebi’uu jiraattonni dubbatu.
Haa ta’u malee murni garboomsaan PP akka fedha isaatti Oromoo garboomsee bulchuuf halkaniif guyyaa hojjetu Ebla 26, 2025 gara mana maatii dargaggoota kanneeniitti waraana bobbaasuun loon baay’inaan 82 ta’an jalaa ooffachuun maatii kanneen irratti reebicha haalaan ulfaataa raawwachuun ibsameera.
Dargaggoonni mooraa sirnichaa keessatti leenjii fudhachuun keessaa badanii turan kunneenis maqaan isaanii:
- Hawaas Yaamii,
- Urgeessaa Bookaa,
- Jaarraa Boonsaa,
- Miidhagaa Qachaa,
- Guddataa Roobaa,
- Goorsaa Lammachaa,
- Ida’aa Bariisoo fi
- Fayyee Doonii kanneen jedhaman akka ta’an addeeffameera.
Kana malees gatii leenjii loltummaaf isaaniitti baasne qarshii 40,000 tokkoon tokkoon maatii kanneenii kaffaluu qabdu ittiin jechuun dirqiin harkaa fuudhaa jiraachuun ibsameera.


