ONM-ABO Ebla 29, 2025
Bulchiinsa magaalaa Shaggar Siitii keessatti murni balfamaan Bilxiginnaa teessuma siyaasaa isaa tikfachuuf ifaaju ol-adeemtota humna oomishaa fi abdii egeree biyyaa ta’an fedhii isaanii malee maqaa raayyaa ittisa Impaayerattiif loltu jedhuun dargaggoota 120 ol ukkaamsuun gara dirree leenjii loltummaatti fe’uuf mana hidhaatti walitti guuraa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka jiraattonni naannichaa jedhanitti dargaggoota ukkaamsan kanneen keessaa:
- Araarsaa Alamuu fi
- Addunyee Taammiruu
kanneen jedhaman akka fakkeenyaatti kaasuun kanneen 120 ta’an immoo maqaan isaanii yeroof kan nu hin qaqqabnee fi akkuma guutummaa magaalota Shaggar Sitiitti dararaan murna PP’n jiraattota irratti raawwachaa jiru haalaan yaaddessaa ta’uu dubbatu.
Murni diinummaan isaa jibbiinsa uummata Oromoo fi balaaleffannaa sanyii Oromummaaf qabu irratti dagaagee waggoota lakkoofsise kun dur erga aangootti dhufee eegalee hanga har’aatti yakka gurguddaa kallattiinis ta’e alkallattiin sabicha irratti geggeessaa jiru itti fufuun yeroo ammaa ammoo maqaa biyya keessan eegdu, mootummaa Oromoo kufaatii irraa baraartuu fi dirqama biyyoolessaatu jira jechuun akka lollii go weerarri biyya alaa irraa itti dhufaa jiruutti daa’imman umriin isaanii hin geenye dabalatee dargaggoota humnaan qabuun maatii boossisaa jiraachuun barameera.
.

