ONM-ABO Ebla 30, 2025
Baha Wallaggaa aanaa Waayyuu Tuqaa ganda Haroo jedhamutti Ebla 29, 2025 waraanni maafiyaan PP nama maqaan isaa Jireenyaa Hafaa jedhamu ganamaan gara qe’ee isaaniitti bobbaafamuun yakka tokko malee gara jabinaan ajjeesanii gatuu jiraattonni naannichaa ONM’f himaniiru.
Ajjeechaa suukkanneessaa kanas erga raawwatanii booda abbootiin amantaa fi jaarroleen reeffa kaafatanii akka awwaallataniifis waraana garboomfataa PP kanneen kan gaafatan ta’us, reeffa dhorkachuun hanga gabaasni kun qindaa’eetti awwaalcha akka dhorkanis itti dabaluun eeraniiru.
Sababni ajjeefamuu nama kanaas maqaa “waraana Bilisummaa Oromoo daandii dabarsitaa fi hariiroo gaarii waliin qabda” kan jedhuunis akka ta’e itti dabaluun kan himan jiraattonni, garuu dhugaan lafa irra jiru namni ajjeefame kun tuttuqaa siyaasaa kamiyyuu kan hin taasisnee fi jaalalaa fi kabaja guddaan uummata naannoo waliin akka jiraatus itti dabaluun ifoomsaniiru.

