• Wed. Apr 22nd, 2026

Lukkeelee Bilxiginnaan godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa fi Daawaa Caffaa keessatti hidhaa fi reebichi namoota nagaa irratti raawwatamu jabaate 

Apr 30, 2025

ONM-ABO Ebla 30, 2025 

Sabboontoota ilmaan Oromoo ajjeesuu fi hidhuun akka waan qabsoo bilisummaa Oromoo duubatti deebisuutti fudhachuun dhimma itti ba’aa kan oolan hidhattootni sirnichaa aanaa Daawaa Caffaa ganda Issooyyee irraa Ebla 28, 2025 abbaa fi ilma kan ta’an: 

  1. Obbo Umar Hasanii fi ilma isaa 
  2. Mahaammad Umar Hasan 

jedhaman maqaa deggartoota WBOti jedhuun garmalee reebuun magaalaa Kamiseetti hidhaniiru.

Akka jiraattotani ganda Issooyyee jedhanitti maanguddoon biyyaa ilma isaanii waliin garmalee reebamuun hidhaman kun yakka dalagan qabaatanii osoo hin taane Oromummaan isaanii qofaaf humna badii murna PP’n adamfamanii qe’ee fi qabeenyaa isaanii irraa kan hidhaman ta’uu dabaluun dubbatu. 

Godinichuma aanaa Dawwee Harawaa ganda Qalqalcha jedhamu irraa Ebla 26, 2025 milishoonni sirnichaa qonnaan bulaa deggaraa paartii dhaaba kamiiyyuu hin taane kan maqaan isaa Mahaammad Awwal Ahimed Daawwee jedhamu gochaa isaa malee sobaan yakkanii maqaa hojii loojistikii WBO’f hojjetta jedhuun reebicha ulfaataa irraan ga’anii magaalaa Booraatti hidhuu maddeen keenya gandichaa ONM’f eeraniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading