ONM-ABO Ebla 30, 2025
Murni faashistii PP akeeka mataa isaatii dursuun fedhii cunqurfamtootaa fi dheebuu bilisummaaf uummanni qabu ugguree dhiitee bulchuuf jecha maqaa uummanni quba hin qabneen yakkee hidhaatti guuruu cimsuun godina Lixa Wallaggaa aanaa Haaruutti dhiiraa fi dhalaa, daa’imaa fi ga’eessa osoo hin jedhin namoota cufa jumlaan hidhanii hiraarsaa jiru.
Bifuma kanaanis shamarree maqaan ishee Daraartuu Kamaaloo jedhamtu barattuu kutaa 8’ffaa kan taate, ganda Guddattuu Dullee irraa Ebla 22, 2025 maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii hiraarsaa jiraachuun ifoomeera.
Kana malees jaarsa umuriin isaa 70 kan ta’e nama maqaa isaa Obbo Abdiisaa Biraasaa jedhamu ganda Congee irraa Ebla 27, 2025 bulchaan aanaa itti bilbiluun bakka gaddaatii si barbaannaa gara aanaatti kottu jechuun waamee maanguddoon kunis kabaja seeraaf jecha yeroo inni garasitti imalu qabanii kan hidhan yoo ta’u, boodarras guyyuma sana intala Obbo Abdiisaa Abbabuu kan jedhamtus umuriin ishee 40 kan ta’e mana isheetti humnoota milishaa erguun qabanii hidhuun ibsameera.
Dabalataanis namoota nagaa meeshaa waraanaa qabdu jechuun kanneen maqaan isaanii:
- Tagany Xilahuun,
- Masgabuu Duulaa fi
- Tamee Gannatii namoota jedhaman ukkaamsuun hidhanii jiraachuun addeeffameera.






