• Mon. Aug 31st, 2026

Gaazaa keessatti daa’imman 65,000 ol ta’an hanqina nyaataa hamaaf hospitaala galan jedhan Waajjirri Miidiyaa Gaazaa

Apr 30, 2025

ONM-ABO Ebla 30, 2025 

Waajjirri miidiyaa mootummaa Gaazaa Wiixata  Israa’el duguuggaa sanyii fi uggura itti fuftee jirtuun gidiraa daa’imman Falasxiin hammeessite jechuun himateera. Kunis hanqina nyaataa cimaan daa’imman kuma 65 ol ta’an kanneen miliyoona 1.1 ta’an keessaa dhukkubaa hanqina nyaataa kanaan kan seenaan ta’uun kan beekamuudha.

Israa’el “beela’aa fi dheebuu akka meeshaa waraanaatti namoota nagaa irratti mirga namoomaa idil-addunyaa ifatti cabsuudhaan,” fayyadamaa jiraachuu waajjirri kun ibseera.

Ibsichi itti dabaluudhaan daangaa qaxxaamuraa itti fufiinsaan cufuun haalli fayyaa daa’immanii fi dubartootaa akka hammaatu taasiseera.

Weerara Israa’el Onkoloolessa bara 2023 irraa eegalee Gaazaa keessatti raawwatteen namootni 52,300 ol kan ajjeefaman yoo ta’u, irra caalaan isaanii dubartootaa fi daa’imman ta’u Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading