ONM-ABO Ebla 30, 2025
Waggaa guutuu maqaa sakattaa WBO’n murni Bilxiginnaa waraana akka feetee isaa qe’ee hawaasaa keessatti bobbaasuun saamicha qabeenyaa raawwachuu, manneen jiraattotaa gubuu, namoota jumlaan hidhuu fi ajjeechaa geggeessaa kan jiru oggaa ta’u, baatiilee sadii oliif godina Lixa Shaggar aanaalee adda addaa keessaas maqaa sochii WBO balleessina jedhuun kutaa waraanaa hedduu qe’ee qonnaan bultootaatti bobbaasanii miidhaa adda addaa raawwachaa jiru.
Sochiin waraana sirnichaas irra jireessaan kan inni irratti fuulleffatee jiru aanaa Jibaat, Jalduu, Gindabarat, Abuunaa Gindabarat, Midaa-Qanyii, Kibba Lixa Shaggar keessaa ammoo aanaa Tolee, Amayyaa fi kanneen biroootti akka ta’es jiraattonni itti dabaluun himaniiru.
Akka jiraattonni jedhanittis loltoonni maqaa sakattaan bobbaafaman kunneen gara WBO’n jiru deemanii loluu irra kallattii biraan bobbaafamanii uummata irratti gochoota ciiggaassisoo haawwan gudeeduu, horii ooffachuu, dargaggoota ukkaamsuu fi maatii qabsaa’otaa irratti xiyyeeffachuun ajjeechaas raawwachaa jiru jechuun itti dabaluun himaniiru.

