ONM-ABO Ebla 30, 2025
Waraanni maafiyaan PP Ebla 26, 2025 godina Lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Birmajjii bulchiinsa magaalaa Biilaatti uummata bittaa fi gurgurtaaf gabaa ba’an irratti reebichaa fi saamicha haalaan ulfaataa raawwachuun shororkaa hamaa taassisuu jiraattonni ONM’f eeraniiru.
Keessattuu uummata baadiyyaa irraa gara magaalaa deeman daandii gubbaa dhaabbachuun sakatta’anii qarshii fi bilbiloota harkaa saamuun cinatti, isin loojistikii waraana Bilisummaa Oromooti jechuun dargaggoota barnoota qofaa irratti xiyyeeffachuun jiraatan danuus ukkaamsanii hidhuun addeeffameera.
Dabalataanis sochiin uummataa bulchiinsa magaalaa Biilaa keessatti halkan sa’a 12:00 booda daangeffamaa ta’ee kan jiru oggaa ta’u, namoota maatiin jalaa dhukkubsachuun mana yaalaa deemanii fi dhimmoota ariifachiisaaf socho’an dabalatee kanneen deggeraa paartii badhaadhinaa hin taane kamuu sochii daandii gubbaa taasisnaan reebichaa fi hidhaan irratti geggeeffamaa akka jirus itti dabaluun himaniiru.

