ONM-ABO Ebla 30, 2025
Ebla 27, 2025 Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Baateetti milishoonni sirnichaa maqaa sakkattaa WBO jedhuun gandoota aanichaa mara keessatti bobbafamanii turan jiraataa ganda Biloo kan ta’e qonnaan bulaa maqaan isaa Mahaammad Sayid Warraaqii jedhamu rasaasaan rukutanii madeessuun dhaga’ame.
Oduu biraatiin ammoo aanichumatti hidhattootni sirnichaa mana Barumsaa Malkaa Galaanaa deemuun daarikteera mana barumsaa Malkaa Galaanaa kan ta’e:
- barsiisaa Sayid Alii fi
- barsiisaa Suwaadiq
kan jedhamu badii tokko malee ukkaamsanii qabuun magaalaa Baateetti hidhanii hiraarsaa jiraachuun ifoomeera.
Dabalataan akkuma aanaa Baatee gandoota adda addaatti milishoota sirnichaan dhiittaan mirgoota namoomaa hawaasa nagaa irratti geggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, dararaa isaanii kanaanis maqaa maatii qabsaa’otaa fi deggertoota WBO’ti jedhuun namoota nagaa hidhuu, reebuu, saamuu fi qabeenyaa isaanii jalaa mancaasuun jireenya gadadoof akka isaan saaxilaman taasisanii jiraachuu jiraattotni onichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

