• Sun. Mar 15th, 2026

Ministeerri haaja alaa Siiriyaa Chaayinaa waliin ‘hariiroo cimsachuu’ barbaanna jedhe

Apr 30, 2025

ONM-ABO Ebla 29, 2025 

Ministirri Dhimma Alaa Siiriyaa Asaad al-Shaayibaanii, mootummaan isaanii Chaayinaa waliin “walta’iinsa tarsiimoo” ijaaruuf fedhii qabaachuu isaanii kan ibsan yoo ta’u, Chaayinaan garuu yeroo duraa bulchaa aangoo irraa ari’ame Bashar al-Assad  kan deggartu turte.

Ibsi Ministeera Dhimma Alaa akka agarsiisutti, Al-Shaayibaaniin dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ambasaaddara Chaayinaa, Fu Koong, waajjira muummee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Niiw Yoorkitti argamutti wal arguun kana dubbatan.

Walgahii ergamaa Beejiing waliin taasifame irratti, Al-Shaayibaaniin mootummaan haaraan Siiriyaa “hariiroo Chaayinaa waliin qabu” barbaadaa akka turee fi biyyoonni lamaan “yeroo dhiyootti tumsa tarsiimoo yeroo dheeraa ijaaruuf waliin ni hojjetu” jedhe.

Haa ta’u malee Raashiyaa fi Iraan waliin Chaayinaan bara 2011’tti mormii dhalate dabalatee, mootummaan Al-Asaad akka hin kufneef deggeraa turte jechuun AFP’n gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading