• Wed. Apr 22nd, 2026

Qellem Wallagaa Aanaa Yamaaloogii Walalitti milishaan murna faashistii PP tokko abbaa warraa mana isaa irraa ari’uun haadha warraa isaa fuudhuun dhaga’ame 

Apr 30, 2025

ONM-ABO Ebla 30, 2025 

Aanaa Yamaaloogii Walal ganda Loomica Cabal bakka addaa Gabaa Jimaataa jedhamutti waraanni maafiyaan PP fi milishoonni sirnichaa nama maqaan isaa Obbo Mitikkuu Dheeressaa Disaasaa jedhamu Ebla 23, 2025 halkan sa’a 5:00’tti mana isaa deemuun hirriba irraa dammaqsanii ati deggeraa waraana Bilisummaa Oromooti jedhanii reebicha haalaan ulfaataa irratti akka raawwatan jiraattonni ONM’f eeraniiru.

Bu’uurama sanaanis qe’ee isaa gadhiisee akka adeemuuf ajaja itti dabarsanii walakeessa halkanii mana isaa irraa ari’uus itti dabaluun dubbatu.

Akeekkachiisa yoo mana keetti har’a irraa kaastee deebite hireen kee ajjeefamuu qofaadha jedhanii sodaachisuun haadha warraa isaa kan maqaan ishee Caaltuu jedhamtu isa irraa adda baasanii milishaan maqaan isaa Jiraataa Immiruu jedhamu akka fuudhu taasisanii itti eerumsiisuun beekameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading