• Wed. Apr 22nd, 2026

Godina Walloo Aanaa Daawaa Caffaatti loltoota maafi’aa PP’n hiraarfamni qonnaan bultoota irratti jabaachuun ibsame

Apr 30, 2025

ONM-ABO Ebla 30, 2025 

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa ganda Issooyyee Guulaa jedhamutti Ebla 28, 2025 waraanni maafiyaa PP, milishoonni sirnichaa fi gantoonni moonaa qabsoo Bilisummaa Oromoo gananii galan waliin ta’uun gandichatti bobbaafamanii namoota nagaa hidhata kamuu hin qabne hidhuun ibsameera.

Qonnaan bultoonni garee shiftaa murna faashistii PP’n garmalee reebamuun hidhaman kunneenis muraasni maqaa arganne:

  1. Umar Hasan Muusaa,
  2. Ibraahim Tamaamuu,
  3. Mahaammad Umar fi 

kanneen biroo maqaan isaanii hin argaminis keessatti akka argaman addeeffameera.

Gocha hidhaan cinattis gudeeddaa dabalatee gochoonni faallaa seeraa adda addaa hawaasa nagaa irratti guyyuu raawwatamaa jiraachuu dabaluun dubbataniiru.

Hidhuu malee hiikuu, saamuu malee gargaaruu akkasumas ajjeesuu malee du’a irraa baraaruu kan hin beekne hidhattootni murna Bilxiginnaa qaama isaanii olii gammachiisuun dantaa dhuunfaa isaanii guuttachuuf jecha sabboontoota ilmaan Oromoo dararuu haalaan cimsanii itti fufaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading