• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Walloo Aanaa Baateetti milishoota sirnichaan hidhaa, reebichaa fi gubaatiin manneenii maatii qabsaa’otaa irratti hammaate

May 1, 2025

ONM-ABO Caamsaa 1, 2025 

Hidhattootni sirnichaa maqaa sakattaa WBO’n aanaa Baatee Warra Waayyuutti bobbaafaman Ebla 30, 2025 ganama barii barraaqaan ganda Kophaafoo araddaa Sokokkeetti qe’ee hawaasaa seenuun mana maatii qabsaa’otaa 3 gubuun addeeffameera.

Maatiin manni jalaa gubates maqaan isaanii:

  1. Aadde Faaxee Muhee, ilmaan ishee lama kan maqaan isaanii,
  2. Ahimed Abduu Hiddiyyee fi
  3. Mahaammad Abduu Hiddiyyee 

jedhamanii mi’a mana keessaa tokkollee osoo hin baafatin ibidda itti shiduun gubanii barbadeessaniiru. 

Midhaan dabalatee qabeenyi maatii kanaas kan gubate; loozii ardaba hedduu, loon, re’ee, lukkuu, qarshii, qur’aana, qophii uffannaa fi uffannaa dabalatee  meeshaalee adda addaa waliin akka barbadeessan dabaluun himaniiru.

Oduu hidhaatiin ammoo aanichumatti Ebla 28, 2025 qonnaan bultoonni danuun kan hidhaman yoo ta’u, ganda Luugoo irraa: 

  1. Yaayyoo Huseen Indiris,
  2. Mahaammad Alii,
  3. Mahaammad Alii Abbaa Daalee,
  4. Sayid Huseen Mahaammad,
  5. Abduu Sayid Faaris ganda Faca’aa irraa fi 
  6. Shamarree Madiinaa Abdulee ganda Hagamsaa irraa yoo hidhaman, 

aanichumatti Ebla 29, 2025 ammoo ganda Araddaa Dhaddachoo irraa Abduu Alii fi ganda Roorrisoo irraa ammoo Sayyoo Arabee yoo ta’u, ganda Jaldeettii Cobii irraa lukkeema sirnichaa kan ta’e nama Hiddoo Huusan jedhamus magaalaa Baateetti hidhuun barameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading