ONM-ABO Caamsaa 1, 2025
Gareen jibbiinsa Oromummaa qaban finxaaleeyyiin Amaaraa golee Oromiyaa keessatti caasaalee gara jabeeyyii Abiy Ahimediin tumsamuun ilmaan Oromoo morma muranii gochoota ciiggaassisoo raawwachuu aadeeffatan godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuruu keessatti torban lamaan darbe nama maqaan isaa Tasfaayee Dhugaasaa jedhamu morma irraa muranii bineensa nyaachisuun ibsameera.
Kana malees onicha keessatti gochoota hammeenyaa isaanii itti fufuun saamichaa fi namoota ukkaamsanii dhabamsiisuu jabeessuun dargaggoo Raffisaa Filee jedhamus butanii achi buutee isaa dhabamsiisanii jiraachuun addeeffameera.
Oduu saamichaatiin ammoo ganda Makannoo irraa Obbo Raffisaa Toleeraa jalaa loon 14 Ebla 28, 2025 kan offatan yoo ta’u, Eliyaas Dhugaasaa jalaas loon 13 akka ooffatan beekameera.



