ONM-ABO Caamsaa 1, 2025
Kaleessa Ebla 30, 2025 irraa kaasee kaadiroonni murna Bilxiginnaa kanneen hooggansa bulchiinsa gandaa of harkaa qabanii fi aanaa keessatti bulchaa aanaa fi waajjira bulchiinsaa fi nageenyaa irraa hojjetan akka guutuu Oromiyaatti leenjii waraanummaaf gara mooraa leenjiitti walitti qabamaa akka turan ONM odeeffateera.
Leenjiin kunis turtii baatii 2 akka dheeratus kan himan maddeen, hirmaattonni waltajjii sanaas golee Oromiyaa cufa irraa walitti dhufuun akkaataa ittiin diigumsaa fi gaaga’ama lubbuu lammiilee qulqulluu irratti ittiin raawwatanii turtii aangoo isaanii ittiin dheereffatan irrattis waliin mari’achuu fi leenjii loltummaa fudhachuun hawaasa bulchan akka ajjeesaniif akka ta’es iccitiin keessoo isaaniitii bahe ni mul’isa.
Bakki leenjii isaanii Bulbulaa fi Awwaash Bishoolaa akka ta’es barameera. Bulchaa aanaa, itti aanaa fi itti gaafatamaa bulchiinsaa fi nageenyaa kan hirmaachisan yoo ta’u, maatiin namoota kanneenii waraanummaa deemaa jiru jechuun boo’aa jiru.
Lukkeeleen Bilxiginnaa kunneen hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo fi uummata Oromoo gidduu jiru addaan fageessuuf kiyyoo jal’inaa bocuun, diigumsa mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti uumuu fi miseensota WBO tokko tokkoon goyyomsanii galchuu kan jedhu irrattis akka mari’atan ni eegama.
Leenjiin kun Kamisa har’aa Caamsaa 1 akka eegalutu eegama.
Gabaabummatti kaayyoon leenjii baatii lamaa kun qaamolee bulchiinsaa fi nageenyaa dura ta’aa ta’an sammuu loltummaan hooggansa akka laatanii fi ija sanaanis tarkaanfii akka fudhatan kan qajeelchan yoo ta’u, kunis lammiilee bulchaa jiran irratti yakka namoomaa fi waraanaa akka raawwatan gochuuf akka ta’e ni beekama.

