ONM-ABO Caamsaa 2, 2025
Ilmaan Oromoo ba’aaf gala dhorkanii lubbuu fi qabeenya isaa mancaasaa kan oolan ergamtoonni murna PP Baalee Lixaa magaalaa Roobee keessatti bifa adda ta’een saamicha eegaluun maqaa gargaarsa Faannoo Diimaa jedhuun uummata irraa qarshii 300 tokkoon tokkoon namootaa irraa afaan qawween guuraa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.
Akka guutuu Oromiyaatti dhiigaa fi imimmaan uummata Oromoo lolaasaa kan oolan saamtonni fi faashistoonni sirnichaa garaa isaanii qofaaf dhama’an, dantaa murna tokkoo qofa eegsisuuf jecha uummata irraa dhalatan hiraarsaa jiraachuun kan beekamuudha.
Keessattuu tibbana ammoo humna waraanaa murni Bilxiginnaa itti bobbaasee jiruun dararamaa kan jiru uummanni Oromoo nagaan ba’ee galuu fi mana isaa keessa jiraachuufuu sodaa lubbuu isaaf jecha yaaddoo hamtuu keessa jiraachuu gabaasaa turuun keenya kan yaadatamuudha.



