ONM-ABO Caamsaa 2, 2025
Siiriyaan dhaabbata doonii Faransaay CMA CGM waliin kontiraata waggaa 30 buufata doonii Lataakiyaa misoomsuu fi gaggeessuuf akka mallatteessite daayreektarri buufata doonii fi qondaalli dhaabbatichaa Kamisa kaleessaa himaniiru.
Jooseef Dakaak, CMA CGM’tti Direkteerri naannoo, sirna mallattoo irratti AFP’tti akka himanitti, dhaabbatichi “waggoota 30 itti aananiif buufata doonii Lataakiyaa’f waliigaltee invastimantii fi bulchiinsa mallatteessuu isaa beeksisuuf gammachuu guddaan itti dhaga’amuu” ibse
Daarektarri buufata doonii Lataakiyaa Ahmed Mustafaa akka jedhanitti, waliigalteen kun ijaarsa buufata doonii haaraa “sandardii addunyaa” irratti ijaarame dabalatee, dhaabbata kana fooyyessuuf invastimantii Yuuroo miiliyoona 230 (Doolaara miiliyoona 260) kan hammate ta’uu ibsuu isaanii AFP’n gabaaseera.

