• Sun. Mar 15th, 2026

Horroo Guduruu Wallaggaa Bulchiinsa magaalaa Shaambuu mooraa mana barnootaa daa’immanii keessatti bulchiinsi murna garboomfataa Abiy Ahimed nyaata dhiyeessinaaf jechuun dhukkubaaf saaxiluun dhaga’ame

May 2, 2025

ONM-ABO Caamsaa 2, 2025 

Murni Bilxiginnaa uwwisa miidiyaa fi burjaajii siyaasaa uumee ija addunyaa biratti beekamtii fi mootummaa uummataa jedhamee waamamuuf jecha guyyuu ajandaa jal’inaa qabatee kan gadi bahu torban kana keessas bulchiinsa magaalaa Shaambuutti daa’imman umuriin isaanii 5-10 gidduu ta’e maqaa nyaata dhiyeessinaaf jedhuun rakkoo biraaf isaan saaxiluu ONM odeeffateera.

Nyaatni barattoota kanneeniif dhiyaates nyaata umurii daa’imman kanaa waliin wal simu kan hin taane ta’uus barsiisonni mooraa mana barumsaa kanneenii kan himan oggaa ta’u, kan qulqullina hin qabnee fi mulluu affeeluun dhiyeessuufiin barattoonni hedduunis dhukkubaaf akka saaxilaman addeeffameera.

Daa’imman kunuunsi fi deggersi maluuf kanneen guddina biyyaatiif abdii fi egeree ta’an miidhee akka isaan sammuu gaariin baratanii biyya jijjiiraniif tajaajila miidhagaa kennuufii irras daranuu qorqalbii miidhuu guutuu Oromiyaatti itti fufeera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading